Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Raawwatameera

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Raawwatameera dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 19:30

Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.

02 Ibroota 10:12

Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.

03 Ibroota 9:12

Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene.

04 Qolosaayis 2:14

innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise.

05 Roomaa 8:1

Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;

06 Ibroota 10:14

inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.

07 Yohannis 17:4

Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.

08 Ibroota 1:3

Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.

09 Ibroota 7:27

Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.

10 Roomaa 6:10

Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata.

11 Ibroota 9:26

Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera.

12 Yohannis 19:28

Ergasii Yesuus akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, “Nan dheebodhe” jedhe.

13 1 Phexros 3:18

Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban