Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Aarsaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Aarsaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 9:14

yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!

02 Ibroota 10:10

Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.

03 Efesoon 5:2

akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.

04 Ibroota 9:28

akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

05 1 Yohannis 2:2

Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.

06 Ibroota 7:27

Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.

07 Ibroota 9:26

Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera.

08 Roomaa 3:25

Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;

09 Ibroota 10:14

inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.

10 Isaayyaas 53:10

Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii Waaqayyoo ture; Waaqayyo lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; fedhiin Waaqayyoos harka isaatti ni raawwatama.

11 Ibroota 10:12

Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.

12 Yohannis 10:11

“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.

13 Ibroota 2:9

Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina.

14 Ibroota 13:12

Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban