Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hoolaa Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Hoolaa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!”
Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha.
Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe.
Isin waan bukoo raacitii hin qabne taataniif akka Maxinoo haaraa taataniif raacitii moofaa of keessaa baasaatii gataa; hoolaan Faasiikaa keenya, Kiristoos aarsaa nuuf taʼeeraatii.
Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; “Kitaaba maramaa fuudhuun, chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii.
Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne.
Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.