Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Duʼni Moʼatame

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Duʼni Moʼatame dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 2 Xiimotewos 1:10

amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.

02 1 Qorontos 15:26

Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.

03 Ibroota 2:14-15

Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate; innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.

04 Mulʼata 21:4

Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”

05 Isaayyaas 25:8

inni bara baraan duʼa ni liqimsa. Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.

06 1 Qorontos 15:54-55

Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas, “Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?”

07 Yohannis 11:25

Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;

08 Roomaa 6:9

Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.

09 Roomaa 8:38-39

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

10 Yohannis 5:24

“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.

11 Faarfannaa 49:15

Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata.

12 1 Qorontos 15:57

Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!

13 Mulʼata 20:14

Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti.

14 Yohannis 8:51

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”

15 Hooseʼaa 13:14

“Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara; duʼa jalaa isaan nan baasa. Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre? Yaa awwaala, balleessuun kee meerre? “Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban