Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Inni Jiraataadha

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Inni Jiraataadha dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Mulʼata 1:18

Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.

02 Luqaas 24:6

Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa.

03 Maatewos 28:6

Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.

04 Roomaa 6:9

Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.

05 Yohannis 14:19

Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.

06 Yohannis 11:25

Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;

07 Ibroota 7:25

Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.

08 1 Qorontos 15:20

Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.

09 Hojii 2:24

Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban