Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Sababii Inni Jiraatuuf

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Sababii Inni Jiraatuuf dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 14:19

Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.

02 Yohannis 11:25

Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;

03 Roomaa 6:9

Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.

04 Ibroota 7:25

Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.

05 Mulʼata 1:18

Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.

06 1 Qorontos 15:20

Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.

07 2 Qorontos 4:14

inni Gooftaa Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun nuus Yesuus wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna.

08 Roomaa 8:11

Hafuurri Waaqaa inni Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Kiristoos Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna.

09 Yohannis 14:3

Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban