Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoos Keessatti Guutuu Taʼuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Kiristoos Keessatti Guutuu Taʼuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Qolosaayis 2:10

isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.

02 Qolosaayis 2:9

Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;

03 2 Phexros 1:3

Humni waaqummaa isaa karaa isa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaatiin waan jireenyaa fi Waaqatti buluuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera.

04 Efesoon 3:19

akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.

05 Ibroota 10:14

inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.

06 Qolosaayis 1:28

Nus isuma lallabna; nama hunda kan guutumaan guutuutti Kiristoositti bilchaataa taʼe akka dhiʼeessinuuf, tokkoo tokkoo namaa ogummaa hundaan gorsaa barsiisna.

07 Fiiliphisiyuus 1:6

inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.

08 Ibroota 13:21

akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen.

09 1 Qorontos 1:30

Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.

10 Efesoon 1:3

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.

11 Ibroota 12:2

kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.

12 Fiiliphisiyuus 4:19

Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

13 Qolosaayis 2:6-7

Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa; akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.

14 2 Qorontos 5:21

Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

15 1 Tasaloniiqee 5:23-24

Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman. Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban