Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ifa Addunyaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Ifa Addunyaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 8:12

Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.

02 Yohannis 1:4-5

Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture. Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.

03 Yohannis 9:5

Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti.”

04 Yohannis 12:46

Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.

05 1 Yohannis 1:5

Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha.

06 Maatewos 5:14

“Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.

07 Isaayyaas 9:2

Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.

08 Hojii 13:47

Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii; “ ‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee, hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban