Faarfannaa 98

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.

Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera; qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.

Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa mana Israaʼeliif yaadateera; daariin lafaa hundinuu, fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.

Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa; faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;

baganaadhaan faarfannaa galataa, baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;

malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.

Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.

Lageen harka isaanii haa rurrukutan; tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;

isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0