Faarfannaa 138

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha.

2Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, maqaa kee nan leellisa.

3Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; irree keetiinis na jabeessite.

4Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu, yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.

5Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii, isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan.

6Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala; nama of tuulu immoo fagootti beeka.

7Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, ati lubbuu koo ni eegda; aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; harka kee mirgaatiinis na oolchita.

8Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa; yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata; hojii harka keetii hin gatin.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0