Faarfannaa 75

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa Waaqi, nu si galateeffanna; sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina; namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.

Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha; kan qajeelummaadhaan muru ana.

Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti, kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.

Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’ Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.

Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa; morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ ”

Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.

Garuu kan murtii kennu Waaqa; inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.

Harka Waaqayyoo keessa, xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame kan hoomachaan guutame tokkotu jira; inni wayinii sana gad naqa; hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin xuruurfatanii dhugu.

Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa; Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.

Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa; gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0