Faarfannaa 58

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii? Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?

2Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu; harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.

3Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu.

4Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti; isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee

5sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.

6Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi; qarriffaa leencotaas daaki, yaa Waaqayyo!

7Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan; yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.

8Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti, akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.

9Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin, jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.

10Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada; miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.

11Yommus namoonni akkana ni jedhu; “Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira; dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.”

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0