Faarfannaa 30
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef, ani sin jajadha.
2Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
3Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte; akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.
4Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa; maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.
6Anis yommuun nagaa argadhetti, “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.
7Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin akka tulluu jabaatti na dhaabde; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu naasuutu na qabate.
8Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:
9“Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas faayidaa maaliitu argama? Biyyoon si galateeffataa? Amanamummaa kees ni odeessaa?
10Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris; Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”
11Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
12kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
Faarfannaa
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 6
- 7
- 8
- 9
- 10
- 11
- 12
- 13
- 14
- 15
- 16
- 17
- 18
- 19
- 20
- 21
- 22
- 23
- 24
- 25
- 26
- 27
- 28
- 29
- 30
- 31
- 32
- 33
- 34
- 35
- 36
- 37
- 38
- 39
- 40
- 41
- 42
- 43
- 44
- 45
- 46
- 47
- 48
- 49
- 50
- 51
- 52
- 53
- 54
- 55
- 56
- 57
- 58
- 59
- 60
- 61
- 62
- 63
- 64
- 65
- 66
- 67
- 68
- 69
- 70
- 71
- 72
- 73
- 74
- 75
- 76
- 77
- 78
- 79
- 80
- 81
- 82
- 83
- 84
- 85
- 86
- 87
- 88
- 89
- 90
- 91
- 92
- 93
- 94
- 95
- 96
- 97
- 98
- 99
- 100
- 101
- 102
- 103
- 104
- 105
- 106
- 107
- 108
- 109
- 110
- 111
- 112
- 113
- 114
- 115
- 116
- 117
- 118
- 119
- 120
- 121
- 122
- 123
- 124
- 125
- 126
- 127
- 128
- 129
- 130
- 131
- 132
- 133
- 134
- 135
- 136
- 137
- 138
- 139
- 140
- 141
- 142
- 143
- 144
- 145
- 146
- 147
- 148
- 149
- 150
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0