Faarfannaa 121

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa?

Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa.

Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu;

dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.

Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;

guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu.

Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega;

Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0