Faarfannaa 37
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu; biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta.
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu;
Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba.
Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
humni hamootaa ni cabaatii; Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
Waaqayyo bara tolootaa ni beeka; dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; bara beelaa keessas ni quufu.
Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu; warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; yoos ati bara baraan ni jiraatta.
Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii; warra isaaf amanamanis hin gatu. Isaanis bara baraan ni eegamu; sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
Qajeeltonni lafa ni dhaalu; bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; miilli isaas hin mucucaatu.
Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; isaan ajjeesuus ni barbaadu;
Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi. Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; atis badiisa hamootaa ni argita.
Nama hamaa fi gara jabeessa, isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii.
Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; galgalli nama hamaas hin tolu.
Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa; inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas; harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.
Faarfannaa
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 6
- 7
- 8
- 9
- 10
- 11
- 12
- 13
- 14
- 15
- 16
- 17
- 18
- 19
- 20
- 21
- 22
- 23
- 24
- 25
- 26
- 27
- 28
- 29
- 30
- 31
- 32
- 33
- 34
- 35
- 36
- 37
- 38
- 39
- 40
- 41
- 42
- 43
- 44
- 45
- 46
- 47
- 48
- 49
- 50
- 51
- 52
- 53
- 54
- 55
- 56
- 57
- 58
- 59
- 60
- 61
- 62
- 63
- 64
- 65
- 66
- 67
- 68
- 69
- 70
- 71
- 72
- 73
- 74
- 75
- 76
- 77
- 78
- 79
- 80
- 81
- 82
- 83
- 84
- 85
- 86
- 87
- 88
- 89
- 90
- 91
- 92
- 93
- 94
- 95
- 96
- 97
- 98
- 99
- 100
- 101
- 102
- 103
- 104
- 105
- 106
- 107
- 108
- 109
- 110
- 111
- 112
- 113
- 114
- 115
- 116
- 117
- 118
- 119
- 120
- 121
- 122
- 123
- 124
- 125
- 126
- 127
- 128
- 129
- 130
- 131
- 132
- 133
- 134
- 135
- 136
- 137
- 138
- 139
- 140
- 141
- 142
- 143
- 144
- 145
- 146
- 147
- 148
- 149
- 150
Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0