Faarfannaa 63

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba.

Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.

Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.

Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.

Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba.

Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.

Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu.

Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0