Faarfannaa 101

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha; Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.

Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha; ati yoom gara koo dhufta? Ani garaa qulqulluudhaan, mana koo nan jiraadha.

Ani ija koo dura, waan hamaa hin kaaʼu. Hojii jalʼootaa nan jibba; nattis hin qabatu.

Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan; ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.

Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, ani afaan nan qabachiisa; nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, ani obsa hin qabaadhu.

Akka isaan na wajjin jiraataniif, iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.

Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu mana koo keessa hin jiraatu; namni soba dubbatu tokko iyyuu fuula koo dura hin dhaabatu.

Ani jalʼoota biyyattii hunda, ganama ganama nan barbadeessa; warra waan hamaa hojjetan magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0