Faarfannaa 129

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;

isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne.

Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan.

Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”

Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.

Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;

namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.

Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0