Faarfannaa 67

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu;

kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.

Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.

Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.

Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.

Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.

Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0