Faarfannaa 11

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Ani Waaqayyotti kooluu galeera. Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.

Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; isaan warra toloota taʼan, dukkana keessa waraanuuf jedhanii, xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.

Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan maal gochuu dandaʼa?”

Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.

Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.

Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi dinyii bobaʼu ni roobsa; qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.

Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef, murtii qajeelaa jaallata; toloonnis fuula isaa ni argu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0