Faarfannaa 110

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Waaqayyo, gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, karaa mirga koo taaʼi” jedhe.

2Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.

3Gaafa ati waraanaaf baatu, loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. Ati gadameessa ganamaa keessaa, surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.

4Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. Inni yaada isaa hin geeddaru.

5Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.

6Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa barbadeessuudhaan sabootatti mura.

7Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; kanaafuu mataa ol qabata.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0