Faarfannaa 103

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

2Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin.

3Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

4jireenya kee boolla irraa ni baraara; jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;

5akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.

6Waaqayyo warra cunqurfaman hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.

7Inni karaa isaa Museetti, hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.

8Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

9Inni yeroo hunda hin dheekkamu; aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;

10inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.

11Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;

12akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

13Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;

14inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; akka nu biyyoo taanes ni yaadata.

15Barri namaa akkuma margaa ti; akka abaaboo dirrees ni misa;

16inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.

17Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

18warra kakuu isaa eeganitti, warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

19Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.

20Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.

21Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.

22Uumamawwan bulchiinsa isaa jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0