Faarfannaa 125

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.

Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana, Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, saba isaa ni marsa.

Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf harka isaanii ol hin diriirfanneef, bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.

Yaa Waaqayyo, warra gaariif, warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.

Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu, Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa. Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0