Faarfannaa 57
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
2Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
3Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
4Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
5Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe.
7Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.
8Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
9Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
10Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
11Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Faarfannaa
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 6
- 7
- 8
- 9
- 10
- 11
- 12
- 13
- 14
- 15
- 16
- 17
- 18
- 19
- 20
- 21
- 22
- 23
- 24
- 25
- 26
- 27
- 28
- 29
- 30
- 31
- 32
- 33
- 34
- 35
- 36
- 37
- 38
- 39
- 40
- 41
- 42
- 43
- 44
- 45
- 46
- 47
- 48
- 49
- 50
- 51
- 52
- 53
- 54
- 55
- 56
- 57
- 58
- 59
- 60
- 61
- 62
- 63
- 64
- 65
- 66
- 67
- 68
- 69
- 70
- 71
- 72
- 73
- 74
- 75
- 76
- 77
- 78
- 79
- 80
- 81
- 82
- 83
- 84
- 85
- 86
- 87
- 88
- 89
- 90
- 91
- 92
- 93
- 94
- 95
- 96
- 97
- 98
- 99
- 100
- 101
- 102
- 103
- 104
- 105
- 106
- 107
- 108
- 109
- 110
- 111
- 112
- 113
- 114
- 115
- 116
- 117
- 118
- 119
- 120
- 121
- 122
- 123
- 124
- 125
- 126
- 127
- 128
- 129
- 130
- 131
- 132
- 133
- 134
- 135
- 136
- 137
- 138
- 139
- 140
- 141
- 142
- 143
- 144
- 145
- 146
- 147
- 148
- 149
- 150
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0