Faarfannaa 87

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.

Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, karrawwan Xiyoon jaallata.

Yaa magaalaa Waaqaa, waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:

“Ani Raʼaabii fi Baabilonin warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”

Dhugumaan waaʼee Xiyoon, “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.

Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.

Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0