Faarfannaa 131

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; iji koos of hin tuulu; ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.

Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.

Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, Waaqayyoon abdadhu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0