Faarfannaa 128

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.

Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.

Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama.

Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.

ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0