Faarfannaa 41

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.

2Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.

3Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.

4Anis, “Yaa Waaqayyo na maari; ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.

5Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu.

6Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.

7Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.

8Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu.

9Michuun koo inni natti dhiʼaatu, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate.

10Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi; akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.

11Akka ati natti gammaddu ani beeka; diinni koo narra hin aanuutii.

12Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.

13Waaqayyo Waaqni Israaʼel, bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu. Ameen; Ameen.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0