Faarfannaa 127

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Waaqayyo mana ijaaruu baannaan, warri ijaaran akkasumaan dadhabu. Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan, warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.

2Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, barii barraaqaan kaʼuun keessan, turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf.

3Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

4Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.

5Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0