Faarfannaa 123

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Yaa isa teessoon kee samii irra jiru, ani ija koo gara keetti ol nan qabadha.

2Akkuma iji garbootaa harka gooftaa isaanii, iji garbittii immoo harka giiftii ishee ilaalu sana, hamma inni araara nuu buusutti, iji keenyas gara Waaqayyo Waaqa keenyaa ni ilaala.

3Nuu araarami; yaa Waaqayyo, nuu araarami; tuffatamuun nutti baayʼateeraatii.

4Arrabni warra of jajaniitii fi tuffiin warra of tuulanii nutti baayʼateera.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0