Faarfannaa 26

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.

Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;

jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.

Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;

ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu.

Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.

Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.

Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.

Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;

warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.

Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi.

Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0