Faarfannaa 116

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.

2Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.

3Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame.

4Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.

5Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.

6Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.

7Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.

8Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,

9ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.

10Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera.

11Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.

12Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?

13Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha.

14Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.

15Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.

16Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta.

17Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.

18Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;

19yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa.

Faarfannaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0