Faarfannaa 53

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

Waaqni yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.

Warri hammina hojjetan, kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, sodaadhaan liqimfamaniiru. Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.

Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0