Faarfannaa 113
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
2Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
3Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
4Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol.
5Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
6Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu?
7Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
8inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
9Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.
Faarfannaa
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 6
- 7
- 8
- 9
- 10
- 11
- 12
- 13
- 14
- 15
- 16
- 17
- 18
- 19
- 20
- 21
- 22
- 23
- 24
- 25
- 26
- 27
- 28
- 29
- 30
- 31
- 32
- 33
- 34
- 35
- 36
- 37
- 38
- 39
- 40
- 41
- 42
- 43
- 44
- 45
- 46
- 47
- 48
- 49
- 50
- 51
- 52
- 53
- 54
- 55
- 56
- 57
- 58
- 59
- 60
- 61
- 62
- 63
- 64
- 65
- 66
- 67
- 68
- 69
- 70
- 71
- 72
- 73
- 74
- 75
- 76
- 77
- 78
- 79
- 80
- 81
- 82
- 83
- 84
- 85
- 86
- 87
- 88
- 89
- 90
- 91
- 92
- 93
- 94
- 95
- 96
- 97
- 98
- 99
- 100
- 101
- 102
- 103
- 104
- 105
- 106
- 107
- 108
- 109
- 110
- 111
- 112
- 113
- 114
- 115
- 116
- 117
- 118
- 119
- 120
- 121
- 122
- 123
- 124
- 125
- 126
- 127
- 128
- 129
- 130
- 131
- 132
- 133
- 134
- 135
- 136
- 137
- 138
- 139
- 140
- 141
- 142
- 143
- 144
- 145
- 146
- 147
- 148
- 149
- 150
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0