Faarfannaa 14

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

Waaqayyo yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.

Warri hammina hojjetan kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.

Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.

Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0