Faarfannaa 52

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, maaliif guyyaa guutuu koorta?

Ati namni nama gowwoomsitu, arrabni kee badiisa qopheessa; arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.

Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.

Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.

Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.

Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;

“Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee jalʼina ofiitti ciche!”

Ani garuu akkuma ejersa mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan hin geeddaramne sana nan amanadha.

Sababii ati waan kana gooteef ani bara baraan sin galateeffadha; sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0