Faarfannaa 12

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.

Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.

Waaqayyo afaan nama saadu hunda, arraba of tuulu hundas haa kukkutu;

isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; hidhiin keenyas keenyuma; eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.

Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.

Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti.

Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.

Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0