Faarfannaa 25
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti ol nan qaba.
2Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. Ati na hin qaanessin; akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
3Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
4Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi;
5ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
6Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
7Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
8Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas; kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
9Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.
10Karaan Waaqayyoo hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
11Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
12Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
13Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; sanyiin isaas lafa dhaala.
14Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; kakuu isaa illee isaan beeksisa.
15Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala; inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
16Gara kootti garagali; garaas naa laafi; ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
17Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; dhiphina koo keessaas na baasi.
18Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
19Akka diinonni koo baayʼatan, hammam akka cimsanii na jibban argi!
20Lubbuu koo eegi; na oolchis; sababii ani kooluu sitti galeef, akka ani qaanaʼu na hin godhin.
21Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
22Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa Israaʼelin furi!
Faarfannaa
- 1
- 2
- 3
- 4
- 5
- 6
- 7
- 8
- 9
- 10
- 11
- 12
- 13
- 14
- 15
- 16
- 17
- 18
- 19
- 20
- 21
- 22
- 23
- 24
- 25
- 26
- 27
- 28
- 29
- 30
- 31
- 32
- 33
- 34
- 35
- 36
- 37
- 38
- 39
- 40
- 41
- 42
- 43
- 44
- 45
- 46
- 47
- 48
- 49
- 50
- 51
- 52
- 53
- 54
- 55
- 56
- 57
- 58
- 59
- 60
- 61
- 62
- 63
- 64
- 65
- 66
- 67
- 68
- 69
- 70
- 71
- 72
- 73
- 74
- 75
- 76
- 77
- 78
- 79
- 80
- 81
- 82
- 83
- 84
- 85
- 86
- 87
- 88
- 89
- 90
- 91
- 92
- 93
- 94
- 95
- 96
- 97
- 98
- 99
- 100
- 101
- 102
- 103
- 104
- 105
- 106
- 107
- 108
- 109
- 110
- 111
- 112
- 113
- 114
- 115
- 116
- 117
- 118
- 119
- 120
- 121
- 122
- 123
- 124
- 125
- 126
- 127
- 128
- 129
- 130
- 131
- 132
- 133
- 134
- 135
- 136
- 137
- 138
- 139
- 140
- 141
- 142
- 143
- 144
- 145
- 146
- 147
- 148
- 149
- 150
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0