Faarfannaa 28

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha; ati na jalaa hin didin. Yoo ati na jalaa didde, ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.

Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee gara Iddoo Qulqullummaa kee kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.

Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin, warra garaa isaaniitti hammina qabatanii olloota isaanii wajjin garuu nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.

Akka hojii isaaniitti, akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif; akkuma hojii harka isaaniitti kenniif; gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.

Sababii isaan hojii Waaqayyoo, yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef inni isaan diiga; deebisees isaan hin ijaaru.

Waaqayyo haa eebbifamu! Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.

Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.

Waaqayyo jabina saba isaa ti; dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.

Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.

Faarfannaa

Dubbisaa walqunnamtii banaa hiikaa jijjiiruuf, qubee sirreessuuf, fi caqasoota mallattoo gochuuf — yookaan caqasoota mata dureedhaan ilaali.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0