Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Eenyummaa fi Jireenya Keessaa

Kiristoos keessatti maqaa haaraa fi garaa haaraatu siif kennama — filatamteetta, dhiifamni siif godhameera, akkaan jaallatamteettas. Macaafni Qulqulluun jireenya keessaatti amanamummaadhaan dubbata: miira garaa, yaada sammuu, fi cubbuu wajjin lolli itti fufu. Caqasoonni kun eenyummaa kee waan ati itti dhaga'amu irratti utuu hin taane waan Waaqayyo dhugaa dha jedhe irratti hundeessu.

Eenyummaa Kiristoos Keessatti

Ijoollee Waaqayyoo — 1 Yohannis 3:1

Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Filatamaa — Efesoon 1:4

Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis

Jaallatamaa — Qolosaayis 3:12

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

Moʼatoota Caalaa — Roomaa 8:37

Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.

Bilisa Baʼuu — Yohannis 8:36

Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.

Lammiiwwan Samii — Fiiliphisiyuus 3:20

Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;

Ifa Addunyaa — Maatewos 5:14

“Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.

Soogidda Lafaa — Maatewos 5:13

“Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.

Lubummaa Mootii — 1 Phexros 2:9

Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.

Hojii Harka Waaqayyoo — Efesoon 2:10

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.

Ergamtoota Kiristoosiif — 2 Qorontos 5:20

Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.

Jaallatamaa Isaa Keessatti Fudhatamuu — Efesoon 1:6

kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.

Sodaachisaa fi Dinqiin Uumamuu — Faarfannaa 139:14

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.

Onnee fi Miira

Yaaddoo — Fiiliphisiyuus 4:6-7

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

Sodaa — Isaayyaas 41:10

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

Yaaddoo — Maatewos 6:34

Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.

Gadda — Faarfannaa 34:18

Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.

Kophummaa — Keessa Deebii 31:6

Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”

Gammachuu — Nahimiyaa 8:10

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”

Nagaa — Yohannis 14:27

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

Jajjabina — 2 Qorontos 1:3-4

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Abdii Kutachuu — Iyyaasuu 1:9

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”

Qaanii — Roomaa 10:11

Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.

Abdii Dhabuu — Faarfannaa 42:11

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Onnee Cabde — Faarfannaa 147:3

Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.

Nageenya Dhabuu — Ermiyaas 1:5

“Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”

Galateeffachuu — 1 Tasaloniiqee 5:18

Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.

Nama Sodaachuu — Fakkeenya 29:25

Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.

Aarii — Yaaqoob 1:19-20

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu; aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii.

Sammuu fi Yaada

Sammuu Haaromsuu — Roomaa 12:2

Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Yaada Booji'uu — 2 Qorontos 10:5

Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.

Irra Deddeebiʼanii Yaaduu — Faarfannaa 1:2

Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.

Sammuu Ol Irra Kaaʼuu — Qolosaayis 3:2

Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.

Shakkii — Yaaqoob 1:6

Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.

Burjaajii — 1 Qorontos 14:33

Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.

Sammuu Fayyaa — 2 Xiimotewos 1:7

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

Waan Kanneen Irratti Yaadaa — Fiiliphisiyuus 4:8

Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.

Sammuu Jabaataa — Isaayyaas 26:3

Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

Yaada Kiristoos — 1 Qorontos 2:16

“Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.

Onnee Kee Eeggadhu — Fakkeenya 4:23

Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

Of Eeggannoo Qabaadhu — 1 Phexros 5:8

Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.

Yaa Waaqayyo Na Qori — Faarfannaa 139:23

Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.

Cubbuu fi Isa Loluu

Cubbuu — Roomaa 3:23

sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;

Foon — Galaatiyaa 5:16

Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.

Qorumsa — 1 Qorontos 10:13

Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.

Of Tuuluu — Fakkeenya 16:18

Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.

Hawwii Foonii — Maatewos 5:28

Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.

Doqnummaa — Luqaas 12:15

Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen.

Waaqeffannaa Waaqa Tolfamaa — 1 Yohannis 5:21

Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.

Hadhaʼummaa — Ibroota 12:15

Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa.

Hinaaffaa — Yaaqoob 3:16

Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.

Cubbuu Injifachuu — Roomaa 6:14

Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.

Namummaa Moofaa Baasuu — Efesoon 4:22-24

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.

Cubbuu Baqachuu — 2 Xiimotewos 2:22

Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.

Diiyaabiloosiin Mormuu — Yaaqoob 4:7

Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.

Siʼachi Garboota Cubbuu Miti — Roomaa 6:6

Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;