Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yaada Kiristoos

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Yaada Kiristoos dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 2:16

“Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.

02 Fiiliphisiyuus 2:5

Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

03 Roomaa 12:2

Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

04 1 Qorontos 2:12

Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.

05 Qolosaayis 2:3

badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.

06 Fiiliphisiyuus 2:6-8

Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe. Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!

07 Yohannis 15:15

Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.

08 Efesoon 4:23

hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa;

09 Roomaa 8:6

Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha.

10 1 Qorontos 1:30

Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.

11 Yohannis 8:29

Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”

12 Ibroota 4:15

Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.

13 Fiiliphisiyuus 2:3

Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.

14 Isaayyaas 50:4

Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera. Inni ganama ganama na dammaqsa; akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.

15 Yohannis 5:30

Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban