Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Shakkii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Shakkii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.
Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?” jedheen.
Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine; akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.
Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.