Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Sammuu Fayyaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Sammuu Fayyaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 2 Xiimotewos 1:7

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

02 Isaayyaas 26:3

Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

03 Fiiliphisiyuus 4:7

Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

04 Roomaa 12:2

Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

05 2 Qorontos 10:5

Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.

06 Fiiliphisiyuus 4:8

Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.

07 1 Qorontos 14:33

Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.

08 Qolosaayis 3:2

Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.

09 1 Phexros 1:13

Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban