Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Burjaajii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Burjaajii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 14:33

Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.

02 Yaaqoob 3:16

Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.

03 Yaaqoob 1:5

Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.

04 Isaayyaas 26:3

Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

05 Fakkeenya 3:5-6

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.

06 Yohannis 14:27

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

07 Faarfannaa 32:8

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.

08 Ermiyaas 29:11

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.

09 Qolosaayis 2:2-3

Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif; badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban