Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Irra Deddeebiʼanii Yaaduu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Irra Deddeebiʼanii Yaaduu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.
Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda.
Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu; ani Waaqayyotti nan gammadaatii.
Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.