Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Sammuu Jabaataa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Sammuu Jabaataa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Isaayyaas 26:3

Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

02 Faarfannaa 112:7

Inni oduu hamaa hin sodaatu; garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.

03 1 Qorontos 15:58

Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.

04 Yaaqoob 1:8

inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.

05 Ibroota 12:2

kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.

06 Qolosaayis 1:23

kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.

07 1 Phexros 5:10

Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.

08 Faarfannaa 57:7

Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.

09 2 Tasaloniiqee 2:15

Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.

10 Fiiliphisiyuus 1:6

inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.

11 Ibroota 10:23

Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban