Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqeffannaa Waaqa Tolfamaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Waaqeffannaa Waaqa Tolfamaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Yohannis 5:21

Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.

02 Baʼuu 20:3-4

“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin. Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin.

03 1 Qorontos 10:14

Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.

04 Qolosaayis 3:5

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.

05 Maatewos 6:24

“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

06 Baʼuu 20:5

Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee

07 Faarfannaa 115:4-8

Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.

08 Yoonaas 2:8

“Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Waaqaa irraa garagalu.

09 Isaayyaas 42:8

“Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.

10 Roomaa 1:25

Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen.

11 1 Qorontos 6:9-10

Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.

12 Keessa Deebii 6:14

Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin;

13 Galaatiyaa 5:19-21

Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.

14 Anbaaqoom 2:18

“Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban