Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qorumsa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Qorumsa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 10:13

Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.

02 Yaaqoob 1:13-14

Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru; tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama.

03 Ibroota 4:15

Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.

04 Maatewos 26:41

Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”

05 Yaaqoob 4:7

Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.

06 Yaaqoob 1:12

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

07 Faarfannaa 119:11

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

08 1 Qorontos 10:12

Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban