Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Cubbuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Cubbuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.
Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru.
Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.
Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.
Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.