Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Of Tuuluu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Of Tuuluu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 16:18

Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.

02 Fakkeenya 11:2

Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

03 Yaaqoob 4:6

Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.

04 Fakkeenya 16:5

Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.

05 1 Phexros 5:5

Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”

06 Fakkeenya 8:13

Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.

07 Fakkeenya 18:12

Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.

08 Fakkeenya 29:23

Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.

09 Isaayyaas 2:11

Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha.

10 Luqaas 14:11

Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”

11 Galaatiyaa 6:3

Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.

12 Roomaa 12:3

Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.

13 Fakkeenya 3:34

Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban